Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Walqixxeetti saamichi jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Guraandhala 17, 2025 

Loltoonni murna Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman uummata meesha maleessatti afaan qawwee garagalfachuun saamaa akkuma turan, ammallee ittuma fufuun maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen saamicha ulfaataa raawwachaa jiru. 

Aanaa Meettaa Walqixxee guutummaa ishee keessatti loltoonni faashistii PP faayidaa dhuunfaa isaanii irraa walaba ba’uu dadhabuun, saamicha hawaasa irratti geggeessan jabeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Jaleewwan waa’ee mataa isaanii qofa malee kan hawaasaa itti hin dhaga’amnee fi hin yaadne gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamnee fi nagahee hin qabneen nama mana gad dhaabbatu hunda irraa qarshii 5,000 guuraa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru. 

Exit mobile version