ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun dinagdeen impaayera bututtuu kanaa wayita kufaa jirutti murni aangoo impaayerattii of harkaa qabu ammoo karaa tokkoon qaala’iinsa jireenyaa uummata mataa irra ol baasuun karaa biraan ammoo saamicha daangaa hin qabne afaan qawween irratti geggeessaa jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti loltoonni bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Aanicha magaalaa Minaaree jedhamu keessaa loltoonni bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii tokko malee hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 500 hanga 2,000 sababa tokko malee irraa fuuchuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu jiraattonni magaalichaa dubbatu.
Ergamtoota Bilxiginnaa yeroo yerootti maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii gaafatamaa jiraachuu isaaniin jiraattonni magaalichaa rakkoo hamaa keessa akka jiran itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

