• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Wal-Qixxeetti loltoonni bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu itti fufan

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024

Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun dinagdeen impaayera bututtuu kanaa wayita kufaa jirutti murni aangoo impaayerattii of harkaa qabu ammoo karaa tokkoon qaala’iinsa jireenyaa uummata mataa irra ol baasuun karaa biraan ammoo saamicha daangaa hin qabne afaan qawween irratti geggeessaa jira. 

Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixxeetti loltoonni bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanicha magaalaa Minaaree jedhamu keessaa loltoonni bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii tokko malee hawaasa ofiifuu waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 500 hanga 2,000 sababa tokko malee irraa fuuchuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu  jiraattonni magaalichaa dubbatu.

Ergamtoota Bilxiginnaa yeroo  yerootti maqaa gosa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen qarshii gaafatamaa jiraachuu isaaniin jiraattonni magaalichaa rakkoo hamaa keessa akka jiran itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading