ONM-ABO Fulbaana 22, 2024
Ergamtoonni sirnichaa beekaniis ta’e osoo hin beekin garee nama nyaataa PP’f oliif gadi fiiganii yaada isaa guutuun ilmaan Oromoo garmalee dararaa kan oolan yoo ta’u, kaan immoo dararaa ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru taa’anii ilaaluu dadhabuun sirnicha gananii gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufuun harka kennataa jiru.
Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaatti miseensi Raayyaa Ittisa Impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatee jira.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Keenaafii jedhamu irraa Fulbaana 20, 2024 miseensi waraana PP tokko mooraa diinaa ganuun Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuun ifoomeera.
Waraanni kun sabaan uummata Kafaa yoo ta’u, yeroo gara Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatu kunuunsa gaarii isaaf godhametti gammaduun, waanti mooraa isaanii keessatti odeeffamuu fi qaamaan dhufee arge faallaa ta’uus dubbate.
Yeroo gara Waraana Bilisummaa Oromoo bira dhufuttis hidhannoo mudhii guutuu, rasaasa 180, boombii F1 2, boombii imimmaanessu 1 fi qawwee AKM Turkii 1 fiduun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gochuun kanneen mooraa diinaa keessatti ajaja bilxiginnaan mirga uummataa sarbaa jiran akkuma isaanii kanatti dhufanii meeshaa isaanii fiduun Waraana Bilisummaa Oromootti harka akka kennatan dhaamsa dabarseefii jira.


