Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Faashistii PP Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti haleellaa qilleensarraa raawwateen namoonni 25 ol ajjeefamuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 24,2023

Murni Faashistii PP marii araaraan WBO harka micciiree galchuuf akeekkatee ture milkaa’uu dhabnaan haaloo isaa diroonii nama maleessa Uummata irratti kaasuun Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti samii irraan ibidda uummata irratti roobsaa oolee jira.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa, Sadaasa 23, 2023 Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa ganda 7ffaa bakka addaa Kannisaa jedhamutti haleellaa Diroonii raawwateen namoonni nagaan 25 ol ajjeefamuun hedduun madaa’uu maddeen keenya gabaasaniiru.

Dargaggoota magaalaa keessaa baajaajii oofuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dabalatee jiraattota hedduu irra miidhaan lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabuun beekamee jira.

Qabeenyaan maallaqa guddaatti tilmaamamu konkolaataa fi manneen hawaasaa dabalatee baajaajiin 3 battalumatti yoo gubatu, 2 ammoo caccabuun hojiin ala ta’uu Kan himan jirattotni, dargaggoon Yusuuf jedhamu baajaajii isaa waliin Kan gubatee fi namoota afran qabeenyaan isaanii jalaa gubate kunneenis maqaan isaanii Juuneddii Muusaa, Nasiruu, Taajuu fi Buskutee akka ta’e beekamera.

Exit mobile version