Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Faashistii PP Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti haleellaa qilleensarraa raawwateen namoonni 25 ol ajjeefamuun beekame

ONM ABO, Sadaasa 23, 2023

Murni Faashistii PP marii araaraan WBO harka micciiree galchuuf akeekkatee ture milkaa’uu dhabnaan haaloo isaa diroonii nama maleessa Uummata irratti kaasuun Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa keessatti samii irraan ibidda uummata irratti roobsaa oolee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa, Sadaasa 23, 2023 Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaa bakka addaa Kannisaa jedhamutti haleellaa Diroonii raawwateen namoonni nagaan 25 ol ajjeefamuu fi kanneen lakkoofsaan danuu ta’an miidhaa madaa’uu hamaaf saaxilamuu maddeen keenya gabaasaniiru.

Dargaggoota magaalaa keessa hojii baajaajii oofuun ofiifi maatii isaanii jiraachisan dabalatee jiraattota heedduu irra miidhaan lubbuufi qabeenyaa dhaqqabuun beekamee jira.Guutuu odeessa kanaaf walitti deebina, Oromoon akka sabaatti wal haa quba qabaannu , WBO waliin taane Mootummaa ajjeesana kana qofa of irraa kaasuutu furmaata !

Exit mobile version