ONM-ABO Muddee 29,2013
Aanaa cawwaaqaa ganda Tarkaanfataa keessatti Muddee 25, 2023 milishaan sirna bilxiginnaa tokko jiraattota ganda Tarkaanfataa kan ta’aan osoo gara aanaa Cawwaaqaa dhimmaaf deemaa jiranii yakka tokko malee rasaasaan rukkuchuun akka madeessan kan beekame yoo ta’u, maqaan jiraattota kanneenis Mohaammed Ahimed fi Faamii Jamaal jedhamu jechuun dubbatu.
Dabalatanis Kamisa kaleessaa Muddee 28, 2023 aanuma Cawwaaqaa ganda Waldaa Jaalalaa jedhamu keessaa namoota baay’inni isaanii 10 ta’e maqaa WBO waliin hariiroo qabduun akka hidhan jiraattonni himuun,hidhamtoota keessaas namootni sadii kan maqaan nu ga’e: Kadiir Kaamiil, Aliyyii Kaamiilii fi Aammadoo Guuguu namoota jedhaman ta’u jiraattotni himaniiru.
Saamichis aanaa Cawwaaqaa keessatti raawwata Kan jiru dargaggoo Taajuu Jedhamu jalaa yeroo darbe Sadaasa 23, 2023 diroonii mootummaan abbaa irree hawaasa nagaa irratti darbateen baajaajiin tokko guyyaa sana Kan jalaa gubate yoo ta’u, dabalataan ammoo qabeenyaa isaa hafe doqdoqqee tokko waraanni faashistii PP akka saaman ONM odeeffateera.
Ganduma Waldaa Jaalalaa keessatti mana yaalaa dhuunfaa dubartii maqaan ishee nun hin geenye tokko keessa waraanni PP ol itti seenuun WBOtu mooraa kanatti yaalama, rasaasaa ija tokko mana Kee keessaa argine jechuun reebicha irratti raawwachuun mooraa ishee akka caccabsan jiraattotni keessa beekan ifoomsaniiru.

