ONM- ABO Bitootessa 18, 2024
Sarbamiinsa mirga namoomaa guutummaa Oromiyaa keessatti labsamee jiruun namootni nagaan dhumaatii keessa kan jiran yoo ta’u, Bitootessa 15, 2024 waraanni maafi’aa PP maqaa sakatta’insa WBO’tiin godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti namoota lama ajjeesuun namoota hedduus jumlaan hidhuun himame.
Jiraattota ganda Burqaa Barakaa kan ta’an dargaggoo Leencoo Yuusuuf nama ganna 24 fi shamarree Angaatuu Ahimed kan umuriin ishee ganna 15 taate maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhuun bakka addaa Gaara Leemman jedhamutti geessuun rasaasaan waadanii ajjeesuun dhagaa’ame.
Dabalataanis ganda Ifabaas Coree irraa dargaggoo doqdoqqee oofuun ofii fi maatii isaa jiraachisu kan maqaan isaa Jaafar Wubeedii jedhamu guyyuma dheengaddaa qe’ee isaanii deemuun rasaasa lamaan madeessuun, yeroo ammaa rakkoo ulfaataa keessa akka jiruu fi doqdoqqee isaas jalaa fudhatanii akka deeman dabaluun himaniiru.
Oduu hidhaa fi saamichaan wal qabatuun ammoo namootni hedduun jumlaan hidhaatti guuramaa akka jiran kan himamuu fi saamichi daangaa darbes gandoota adda addaa keessatti ta’aa akka jiru himaniiru.
namootni mana hidhaa aanaa Cawwaaqaa keessatti darbatamanii jiran maqaan isaanii Muummee Ahimed, Abdoosh Ahimeddiin fi Yaakiin Sharafoo dabalatee namoota hedduu akka ta’es beekameera.

