ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024
Saamicha, doorsisa , reebicha, hidhaa fi ajjeechaan deggertoota waraana bilisumma Oromooti maqaa jedhuun murna bilxiginnaa yeroon aangoo isaa dhumachaa jiruun namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa irraa bilisa ta’an irratti guyyaa guyyaan adeemaa jira.
Akka kanaanis Bitootessa 19, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa 1’ffaa ganda Coqorsaa irraa waraanni maafi’aa PP nama maqaan isaa Haajii Adam Umaree jedhamu yakka tokko malee to’achuun Bitootessa 20, 2024 gara bakka addaa Gaara-Leemman jedhamutti geessuun ajjeesuun himame.
Kana malee, hidhaa fi dararaan bifa haaraan eegaluun dargaggoo maqaan isaa Haaruun jedhamu fi namoota maqaan isaanii nu hin geenye hedduu qabanii magaalaa Cawwaaqaatti hidhanii jiru.
Oduu hidhaa fi saamichaan wal- qabatuun ammoo aanaa Daaboo Haannaa ganda ifabaas Coree irraa Najjaash Muusaa fi Abduu Hasanoo kan jedhamu reebicha hamaa reebuun qarshii kuma afur irraa fuudhanii yoo hidhan, obbo Abdallaa Abraahim jalaa loon 2 fi Ariifoo Ahimed jalaa horii lama jalaa ooffachuun barameera.

