ONM-ABO Bitootessa 8, 2024
Ilaalcha gad-aantummaa saba Oromoof qabaachuun murni bilxiginnaa milishoota barnoota hin qabnee fi humna waraanaa gara jabeeyyii hawaasatti bobbaasuun dararaa daangaa hin qabne Oromiyaa keessatti geggeessaa jira.
Haaluma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu keessatti dargaggoon maqaan isaa Yuusuuf Hasan jedhamu guyyaa dheengaddaa mana hidhaa irraa gadhiifamuun kaleessa Bitootessa 7, 2024 qe’ee isaatti rasaasaan rukutamuun madaa’uun himame.
Yuusuuf kanaan dura maqaa WBO deggertaan qabamee baatii 4’f mana hidhaa keessa erga tureen booda, kaadirootni PP shira dalaguun akka waan hidhaa irraa lakkisanitti guyyaa tokko booda gara maatii isaa deemuun akka rukutanis dabaluun dubbatu.
Dargaggoon rukutamee madaa’ee jiru kun hanga gabaasni kun qindaa’eetti yaala fayyaa malee akka jirus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

