ONM-ABO Fulbaana 29, 2024
Murni bilxiginnaa loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti hidhaa fi doorsisa raawwatanii jiraaniin hawaasni jeeqamaa jiraachuun himame.
Fulbaana 24, 2024 ergamtoonni bilxiginnaa milishaa fi riphee lolaa jedhamuun beekaman aanaa Cawwaaqaa araddaa Daabanaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Mahaammad Nashii jedhamu hoggaa qabatan, Fulbaana 26, 2024 immoo araddaa Burqaa Barakaa irraa namoota maqaan isaanii Toofiq Ahimed Adamii fi Adinaan Ahimed Hasan jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkanii reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’uun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni araddoota kanneenii addeessan.
Akka jiraattonni kun himanitti, “jiraattonni kun hundi qaama siyaasa tokkollee kan hin hordofnee fi hojii qonnaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun dalagatanii kanneen bulan yoo ta’an, loltoonni sirnichaa immoo maqaa ‘deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti’ jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii hidhaatti darbatan” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

