ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024
Gareen faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti hidhaa fi reebichi hamaan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa magaalaa Cawwaaqaa 2’ffaa jedhamu deemuun, “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun Onkoloolessa 6, 2024 nama maqaan isaa Juwaaree Sabbar jedhamu hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himaniiru.
Kana malees, lukkeeleen garaa isaanii guuttachuuf qofa jiraatan ganda Daabanaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 4, 2024 namni maqaan isaa Huseen jedhamu meeshaalee daldalaa aanaa irraa gara gandaatti fe’ee osoo deemuu humnaan miriindaa baay’inaan 20 ta’u jalaa dhuguu fi kanaan duras qarshiin 120,000 loltoota sirnichaan jalaa saamamuu isaa isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

