• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti saamichaa fi hidhaa hamaan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Oct 14, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 11, 2024 

Gareen  faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti hidhaa fi reebichi hamaan jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa ergamtoonni bilxiginnaa magaalaa Cawwaaqaa 2’ffaa jedhamu deemuun, “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun Onkoloolessa 6, 2024 nama maqaan isaa Juwaaree Sabbar jedhamu hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan himaniiru.

Kana malees, lukkeeleen garaa isaanii guuttachuuf qofa jiraatan ganda Daabanaa jedhamu keessaa Onkoloolessa 4, 2024 namni maqaan isaa Huseen jedhamu meeshaalee daldalaa aanaa irraa gara gandaatti fe’ee osoo deemuu humnaan miriindaa baay’inaan 20 ta’u jalaa dhuguu fi kanaan duras qarshiin 120,000 loltoota sirnichaan jalaa saamamuu isaa isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading