Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuu itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 27, 2024

Loltoonni bilxiginnaa sababoota garaa garaa hawaasa nagaa irratti maxxansuun sobaan yakkanii gochoota suukkaneessoo gara jabinaan guutame badii tokko malee irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuu itti fufuun jiraattotni yaaddoo keessa galanii jiraachuun   ibsameera.

Fulbaana 23, 2024 aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Adam Hasan
  2. Jamaal Mahaammad
  3. Abdii Hasan
  4. Hasan Abdurahmaan
  5. Mahaammad Abraahim
  6. Abraahim Muummee fi
  7. Jaabir Eliyaas jedhaman jalaa mana isaaniitti abidda qabsiisuun meeshaalee mana keessaa waliin gubanii barbadeessuu isaanii jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre yoo ta’u, loltoonni sirnichaa immoo badii tokko malee “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun manaa fi meeshaalee isaan mana keessaa qaban hunda waliin abidda itti shiduun guggubanii deemuu dubbatu.

Exit mobile version