ONM-ABO Fulbaana 25, 2024
Loltoonni bilxiginnaa sababoota garaa garaa hawaasa nagaa irratti maxxansuun sobaan yakkanii gochoota suukkaneessoo gara jabinaa adda addaan badii tokko malee dararaa jiraachuu yeroo adda addaatti isiniif gabaasaa turre.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtoonni bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuun namootni bakka jireenyaa dhabanii dararaa argaa jiru.
Fulbaana 23, 2024 aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Ibiraahim Qamar jedhamu mana isaatti abidda qabsiisuun meeshaalee mana keessaa waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattonni gandichaa himanitti, Obbo Ibiraahim nama siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’u, loltoonni Bilxiginnaa immoo badii tokko malee “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun manaa fi meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda abidda itti shiduun guggubanii deemuu dubbatu.

