ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP afaaniin akka waan ilmaan Oromoo fayyadaa jiranitti karaa sabaa himaalee holola hafarsuun, faallaa isaa immoo maqaa hawaasni hin qabne itti maxxansuun dararaa hammeessanii jiru.
Aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Barakaa jedhamu irraa Waxabajjii 12, 2023 sa’atii 3:00 irratti loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Fu’aadee Musxafaa fi
- Sulxaan Hasan
jedhaman badii tokko malee reebichaan qaama miidhuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni kunneen lamaaanuu hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu kan himan jiraattonni, maatii isaanii gadi baasuun midhaan gosa adda addaa dabalatee, manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda gubanii barbadeessuu dubbatu.
Araddaadhuma kana irraa, guyyaadhuma kana shamarree maqaan ishee Hamdiyaa Mahaammad jedhamtu waajjira gandaatti hidhanii dararaa turuu fi akkuma aanichaatti miidhaan lukkeelee Bilxiginnaan ilmaan Oromoo irratti raawwatu jabaatee itti fufuun ibsamee jira.

