Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota reebuu, saamuu, ajjeesuu fi hidhuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024

Ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hawaasa nagaa sobaan yakkanii reebuu, saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi qe’ee irraa buqqisuu amaleeffachuun dararaa hamaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota reebuu, saamuu, ajjeesuu fi hidhuu jabeessanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Fulbaana 28, 2024 aanaa Cawwaaqaa araddaa Burqaa Aannanii jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed qaama miidhamaa kan gurraan hin dhageenyee fi afaaniin hin dubbanne ammaaf kan maqaan isaa adda hin baane badii tokko malee harka duubatti hidhuun naannoo laga Dhidheessaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ijaan argan ONM’tti himan.

Kana malees, aanicha keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa hariiroo “Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachuu itti fufuun Fulbaana 30, 2024 araddaa Daabanaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Arifoo Mahaammad jedhamu badii tokko malee bilbila isaa saamuun reebicha hamaa irraan ga’anii waajjira poolisii aanichaatti geessuun gommaa konkolaataa irra kaa’anii dararaa jiraachuu maddeen itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Waajjira Poolisii aanaa Cawwaaqaatti namni goommaa konkolaataa irra taa’e galgala du’uun isaa mallattoo waajjira sana keessatti baramee jiru ta’uun itti dabaluun himamee jira.

Exit mobile version