ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Ergamtoonni sirnichaa sababa tokko malee maqaa namoonni hin qabne itti maxxansuun gochoota gara jabinaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gocha isaanii hammeenyaa kana jabeessuun maqaa WBO jedhu dahoo godhachuun uummata hiyyeessa ofiifuu nyaatee hin quufne kana qullaatti hambisaa jiru.
Haaluma kanaan, Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota reebuu, hidhuu fi saamuu itti fufanii jiru.
Aanaa Ammayyaa magaalaa Dallee Daak ganda 01 irraa Fulbaana 5, 2024 “ilmaan keessan fidaa” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Zarihuun Taaffasaa,
- Obbo Taaffasaa Dinqaa,
- Aadde Nagaashee Baqqalaa fi
- Gizawuu Taaffasaa jedhaman garmalee reebuun hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka jiraattotni kun jedhanitti, namoonni kun maatii mana tokkoo hoggaa ta’an, loltoonni Bilxiginnaa sangoota 2, dhaltii 2 fi harree 2 saamuun mana jireenyaa isaanii illee jalaa kan caccabsan ta’uu dubbatu.
Loltoonni faashistii PP araada ilmaan Oromoo dararuu kanneen qaban yeroo adda addaatti maqaa hawaasni hin qabne itti maxxansuu fi sobaan yakkuun garmalee dararaa kan jiran ta’uun ni beekama.

