ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Lukkeelee fi ergamtoonni Bilxiginnaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti guyyaa guyyaan raawwachaa jiran jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkootti waraanni faashistii PP jiraattota reebuu fi saamuu cimsanii itti fufuun uummatni rakkoo keessa galee jira.
Loltoonni Bilxiginnaa magaalaa Makkoo ganda 01 keessaa Hagayya 27, 2024 dargaggoota hedduu reebuun bilbila isaanii irraa saamaa turuunis ibsameera.
Dargaggoo reebichi ulfaataan loltoota maafiyaa PP’n irra ga’e maqaan isaa akka xuqamu hin barbaanne tokko akka jedhetti, guyyaa dheengaddaa dargaggoota magaalaa Makkoo hedduu irratti reebicha raawwachuu fi isas akkuma dargaggoota kaanii haala suukkaneessaa ta’een reebuun bilbila guddaa tokko harkaa fudhachuu dubbata.
Kana malees, namoota baadiyyaa irraa gara magaalaa Makkoo dhufanii galan irraa hoggaa isaan galuuf deeman saamicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

