ONM-ABO Onkoloolessa 5, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa sababa tokko malee Oromummaa qofaaf ilmaan Oromoo yakkuun, addatti ammoo dargaggoota irratti xiyyeeffatanii adamsanii qabuun hidhaatti darbatanii dararuu akkuma itti fufanitti jiru.
Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Makkootti waraanni faashistii Bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti guuruu hammeessanii jiraachuun ibsameera.
Fulbaana 28, 2024 magaalaa Makkoo irraa ergamtoonni bilxiginnaa maqaa ”hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii dargaggoota maqaan isaanii:
- Caalii Taaddasaa,
- Galataa Dhugumaaa fi
- Bacuraa Wadaajoo jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Akka jiraattonni eeranitti, ergamtoonni sirnichaa dargaggoota kana ukkaamsuun waajjira poolisii aanaa ollaa kan taate Deeggaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu ibsan.

