Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti saamichaaf hidhaan waraana faashistii PPn jabaate

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Bilxiginnaan tooftaalee ittiin ilmaan Oromoo dadhabsiisan baasee yeroo hundumaa dachee Oromiyaa irratti gochoota badii, kabaja namummaa mulqu dalaguun hawaasa nagaa irratti rakkoo siyaas-dinagdee uumee saamichaa fi hidhaatiin namoota hiraarsuu jabeessee jira.

Akkuma kanaanis Amajjii 22, 2024 waraanni maafi’aa PP fi milishootni sirnichaa waliin ta’uun jiraattota aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa keessaa qabeenya kan saaman yoo ta’u, namoota qabeenyaan jalaa saamame muraasni maqaan nu ga’e Jamaal Gabbee jalaa Harree 1, Usmaan Abdullaahi jalaa horii 4 fi namoota maqaan hafanis kan jiran hedduu akka ta’etu dubbatama.

Miidhaa saamichaa adeemsifamaa jiruun cinatti namootni danuun yakka tokko malee guyyaadhaa guyyaatti hidhamaa jiraachuun Kan himamu hoggaa ta’u, guyyuma kaleessaa namoota maqaan isaanii Sulxaan, Buucee (Ibri’aaham) fi Shee Ahimed Ibraahim kanneen jedhaman qorannoo tokko tokko malee hidhanii hiraarsaa akka jiran Jiraattotni Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbise himaniiru.

Exit mobile version