Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Cawwaaqaa keessatti saamichaaf hidhaan jabaatee itti fufee jiraachuun himame 

ONM-ABO Amajjii 3, 2024

Murni maqaa badhaadhinaan abjuu duroomuu qabatee jiru bilxiginnaan, qabeenyaa ilmaan Oromoo saamuu jabeessuun qe’ee ilmaan Oromootti rakkinaa fi yaaddoo Jireenyaa lasuun,umurii fi saalaan namoota addaan osoo hin baasiin bakka argu cufatti saamicha jabeessee jira.

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa buufata 5ffaa keessatti dargaggoota sadii jalaa doqdoqqee saamuun, isaaniin qabanii akka hidhan jiraattotni kan himan yoo ta’u,gochi badii kunis Amajjii 1, 2024 ta’uun isaa kan beekamee fi dargaggootni Jalaa saamame kunis maqaan isaanii Fohaad Ahimed, Goree Abirhaamii fi  Hasan Naadii kan jedhaman ta’un isaanii ifoomeera.

Namoota qabeenyaan isaanii saamame kunneenis yeroo ammaa aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuun isaanii kan beekamee hogguu ta’u,doorsisaa fi miidhaa waraanni kunneen irratti gochaa jiraniin hiraarfamaa jiraachuun isaanii beekameera.

Dabalaatinis mana hidhaa aanaa Cawwaaqaa keessatti namootni hedduun maqaa WBO nyaachistu,daandii agarsiistuu fi ilmaan achi keessaa qabduun hidhamanii jiraachuun isaanii kan himamu, haalli fayyumaa hidhamtoota kanneenis haala yaaddeessaa keessa akka jiran dabaluun jiraattotni ONMtti himaniiru.

Exit mobile version