ONM- ABO Amajjii 5, 2024
Akka jiraattotni Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbise himanitti, caasaan mootummaa abbaa irree Abiy Ahimed, qaamota olaanaa irraa kaasee hanga bulchiinsa gandaatti saamichaa fi hidhaatti damee garaagaraa baasuun, hawaasa qulqulluu fedhan maqaa buusii Inshuuraansii fayyaa,gibiraa fi gargaarsa daa’immanii jechaa maallaqa Kan saaman yoo ta’u, haalli armaan oliis itti xiqqaannan humna qaban fayyadamuun hawaasa karaa irraa dhaabanii saamuun qabanii mana hidhaatti darbaa jiru jechuun dubbatu.
Amajjii 3, 2024 aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu irraa obbo Hasan Aammadee jalaa beeylada 2 fi Abbaas Usmaan kan Jedhamu jalaas akkasuma horii 2 murni bilxiginnaa milishaa itti bobbaasuun akka saaman kan beekamee fi qonnaan bultoota qabeenyaa isaanii saaman kanas hidhanii dararaa jirus jedhu jiraattotni.
Dinagdee fi siyaasni harkatti kufuu kan hubatan kaadirootni PP kunneen, ajandaa deebisanii of ijaaruu jedhu yaadatti qabatanii dararaa Oromiyaa keessatti jabeessanii jiraachuun qabeenyaa saamuun jireenya dhuunfaaf oolfataanii, Orummaa balleessuuf dhama’aa jiraachuun isaanii kun gara baditti sirnichi deemaa jiraachuuu Kan nama hubachiisuudha.

