ONM- ABO Amajjii 9, 2024
Murna bilxiginnaa biratti saamicha,hidhaa fi ajjeechaan aadeffatamuun ilmaan Oromoo bakkoota hojii,daandii gubbaa,gabaa fi qe’ee jiraataan keessatti waraana namuusa hin qabne kaadirootni PP itti bobbaasuun dararaa ulfaataa akka guutuu Oromiyaatti raawwachaa jiru
Jiraattota aanaa Cawwaaqaa ganda Gabbinaa kan ta’aan irratti milishotni saamichaaf bobbaafamaan torbe darbe ilaalcha dhara maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun qe’ee fi maatii isaanii bira deemuun namoota maqaan isaanii Abdii Gobbee, Sulxaan Yuusuuf fi Mohaammed Huseen jedhaman to’annoo seeraa jala erga oolchaniin booda reebicha jabaa irratti raawwatanii miidhaa qaama cimaaf akka saaxilantu dubbatama
Namoota reebaman keessaa namootni lama dheessanii jalaa kan miliqan yoo ta’u, Sulxaan Yuusuuf ammoo aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhamee dararamaa jiraachuun isaa beekameera
Ganda baha Biiftuu keessatti ammoo WBO nyaachistu jedhanii namoota hiraarsa akka jiran himamaa Kan jiru, gandichuma keessatti dabalataanis jiraattota dirqamaan oomisha midhaan milishotaaf oolchanii dararaa jiraachuu fi namoota maqaan isaanii Ahimed Aliyyii, Toofiq Ibraahim fi Ahimed Aliyyii jedhaman reebicha irratti raawwatameen midhamanii mana yaalatti akka argaman jiraattotni dubbatu

