Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti saamichaa fi dargaggoota humnaan butuun adda waraanatti ergaa jiraachuun jabaatee itti fufee

ONM-ABO Sadaasa 19, 2023

Ilmaan Oromoo cunqurfamoota mirga eenyummaa isaanii dhabuun nama isaaniif  dubbatu dhabanii jiraachuu fi hojjechuun yaaddoo itti ta’uun dhiphummaa fi gadadoo ulfaataan karaa waraana PPn irratti taasifamaa jiruun saamicha, hidhaa fi ajjeechaan irratti jabaatee mul’ataa jira.

Akka jiraattotni aanaa Cawwaaqaa gandoota akka Caffee Magartuu, Burqaa Barakaa fi Ifabaas Coree irraa Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbise yaada isaanii nuuf ibsaniin, rakkooleen jiraachuu fi maatii ofii bulchuun akka hin danda’amneef waraanni mootummaan abbaa irree Abiy Ahimad nurratti leenjisuun bobbaase, qabeenyaa keenya saamuu fi ilmaan nu jalaa guuruun adda waraanatti erguun, jireenya nutti hadheessee jira jechuun dubbatu.

Haaluma kanaan torbee darbe Keessa Muddee 11, 2023 jiraataa ganda Caffee Magartuu Kan ta’e obbo Yohaannis Hasan nama jedhamu sangaa gabaa baafachuun qarshii 40,000n gurguratee osoo galaa jiru waraanni sirna PP maallaqa harka jiru guutummaa isaa harka saamuun duwwaa akka galchaan dabaluun himu.

Dabalataanis namoota hedduu ukkamsuun konkolaataan fe’anii mooraa leenjiitti ergaa Kan Jiran hoggu ta’u, manneen yaalaa Keessa deemuun namoota gandaan fo’uun hidhaatti Kan guuranii fi namoota maqaa siyaasaan yakkuun hidhan ammoo qarshii 7000 dirqamaan kaffalchiisaa akka jiranis beekamera.

Exit mobile version