ONM ABO Hagayya 7, 2023
Tibba kana murni dheebuu isaa hin baane bilxiginnaan rakkoo Oromiyaa keessatti dhalatee jiruuf fala kaa’uu irra sarbama mirgoota namaa gama kamiinuu Kan duraa irra caalchisuun milishoota isaa fi waraana qabu bobbaasuun uummata qabeenyaa isaa irraa buqqisuu, hidhuu fi ajjeessuu itti jabeessuun cinaatti uummata qabeenya isaa irraa buqqisuun dararaa hamaa Irraan ga’aa oola.
Godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaa ganda Tibbii Sabbataa keessatti bulchaan aanichaa kan maqaan isaa Naasiroo Aliyyii jedhamu mannneen jiraattoota kudhaniii gubsiisuun lafa namootni waggaa dheeraaf itti gargaaramaa turan maqaa inveestimentiitiin abbaa qabeenyaa Kamaal Ahimed jedhamu irra qubsiisuuf qophaa’aa jiru.
Namoota lafa kana irraa buqqisiisaniinis isin deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun kanaan dura itti dhaadachaa turuun barameera.
Oduu biraatiin ammoo aanaadhuma Gololchaa ganda Soolee Odaa Adii keessaa namoota maqaan isaanii Mahaammad Siraaj Jundaa, Umar Yuuddoo, Buraanuddiin Mahaammad Aammee jedhaman bakka isaan loon tikfatanii qabuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

