Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti abbaa maatii tokko ajjeesuun maallaqa qarshii 30,000 irraa fudhatan


ONM-ABO Ebla 27, 2024

Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu godinaalee Oromiyaa cufa keessatti jabaatee itti fufuun hawaasni nagaan koree ajjeechaa sirnichi hundeesseen lubbuu fi qabeenyaa isaa itti dhabaa jira.

Duulli duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru kan yeroo kamuu caalaa jabaatee itti fufuun namoota waa’ee siyaasaa hin beekne hidhuun namoota isaaniin mormanii fi bor karaa isaanii irra dhaabbachuu danda’an jedhan ajjeesuu itti fufanii jiru.

Ebla 24, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Waajjii Raphasaa keessatti abbaa maatii 4 kan ta’e nama maqaan isaa Muussaa Kadir jedhamu maallaqa 30,000 erga irraa fudhataniin booda isas ajjeesanii biraa deeman.

Namni kun abbaa maatii yoo ta’u nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi hojii hojjetuun ofii fi maatii isaa jiraachisu akkasumas hawaasa ollaa isaa biratti jaalatamaa fi kabajamaa ta’eedha jechuun namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version