Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa, Muuneessaa fi Roobee Diida’aa keessatti gubatiin manneenii fi saamichi qabeenyaa uummata nagaa irratti waraana faashisti PP’n jabaatee itti fufee jira

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Murni balfamaan hannaa fi saamichaan ijaaramee of jireessuu aadeffate Bilxiginnaan jaleewwan isaa kanneen aangoo nam-tokkee tiksuuf jecha bobbaafamanii halkanii fi guyyaa uummata nageenya dhorkuuf socho’an Eebla 13, 2025 aanaa Sirkaa ganda Waajjii Raphisaa jedhamu keessatti jumlaan manneen uummataa ibiddaan barbaddeessanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu gahe:

  1. Haasuu Abdulqaadir,
  2. Jeeyluu Haajii Maammaa,
  3. Kamaaloo Haajii Maammaa,
  4. Muktaar Huseenaa,
  5. Amiin Huseenaa,
  6. Muhaammad Abdurroo,
  7. Yaayyaa Abdurroo,
  8. Amaanaa Kamaaloo  fi
  9. Kadir Abdurroo kanneen jedhamaniidha. 

Kana malees oduudhuma gubaa manneen hawaasaatiin aanaa Muuneessaa ganda Heeban Dhubboo keessatti Ebla 11, 2025 sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo lafa sana dhuunfachuun to’atee jiruuf jecha isintu nyaachisee obaasee nutti bobbaase jechuun manneen qotee bultootaa hedduu meeshaalee mana keessaa guutuu waliin ibidda itti qabsiisuun barbadeessanii jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Qonnaan bultoota manni jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu gahe:

1. Tibbeessoo Oogatoo fi

2. Edaasoo Oogatoo kanneen jedhaman mana obbolaa lameenii meeshaa guutuu waliin jalaa barbadeessuun maatii isaanii bakkeetti hambisanii akkaataa jiruu fi jireenyaa harkaa mancaasuun haala hamaa fi rakkisaa keessa jiraachuu jiraattonni dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Dabalataanis godinichuma aanaa Roobee Diida’aa keessattis saamichi qabeenyaa uummataa irratti sirna abbaa irree Impaayerattiin hammaatee jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.

Exit mobile version