Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti hidhaa fi gubaatiin manneen hawaasa nagaa humna weerartuu  PP’n akkuma itti fufeetti jira

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024

Gareen shororkeessaa abbaa irree  naasuu tokko malee manneen hawaasa nagaa irraa gubuuf saamicha qabeenyaa daran hammeessanii jiraachuu jiraattonni taateewwan kun irratti raawwatame ni dubbatu. 

Haaluma kanaan Waxabajjii 17, 2024 sirni abbaa irree uummata nagaa hidhuu, ajjeesuu, qabeenya hawaasaa saamuu, ibiddaan barbadeessuu, gochaa aadaa fi safuu uummataa cabsu rawwachuun bartee itti ta’e,  godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Waajii Raphasaa iddoo addaa Galma jedhamu keessatti badii tokko malee manneen 4 hawaasa irraa gubanii jiru.

Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis Jibriil Hajii Aadaam, Useen Sulxii, Muhaammad, haajii Amaan fi Jamaal Iisaa kanneen jedhaman ta’uun barameera. 

Namootni kunniin mana qofa irraa guban osoo hin taane  qabeenyaa isaanii mana guutuu gubuu fi wantoota akka beelladaa ammoo jalaa ooffachuun maatiin haala jireenyaaf yaaddessaa keessatti akka kufan taasisanii jiru jechuun jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version