ONM-ABO Hagayya 6, 2024
Murni bilxiginnaa uummata nagaa afaan qawween ukkaamsee bulchuun bartee itti ta’e akkuma bartee isaa umurii aangoo isaa dheereffachuuf jecha uummata nagaa ajjeesuu fi manneen irraa gubuu jabeessee jira.
Hagayya 2, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Honqoloo Waabee ganda Macituu jedhamu keessatti jiraattota aanaa Sirkaa ganda Soojii Saadee Qooxxii Warqittii kan ta’an dargaggoota maqaan isaanii; Bakar Maammad Amiin fi Nasiruu Musxafaa kanneen jedhaman ajjeesuun halayyaa keessatti gatanii deemuu maddeen gabaasan.
Kana malees Hagayya 4, 2024 aanaadhuma Sirkaa ganda Miiccituu Warqee keessatti manneen hawaasa nagaa qabeenya isaanii waliin gubuun maatiin waan ittiin jiraatu dhabuun rakkachaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Namoonni manneen irraa gubate kanneen maqaan kan nu ga’e:
- Kamaal Haajii/Bamuud fi
- Jundiin H/Bamuud yoo ta’an,
Aanaa Honqoolloo Waabee irraa ammoo Hagayya 2, 2024 nama maqaan isaa Gaboo Roobaa jedhamu jalaa mana isaa qabeenya guutuu waliin irraa gubuun maatiin iddoo jireenyaa dhabee rakkachaa jiraachuu madeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

