Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubachuu fi saamichi loltoota PP’n jiraattota irratti hammaate

ONM-ABO Hagayya 24, 2024

Sirni jibba Oromummaa irraa qabu qofaaf uummata qulqulluu lafa irraa balleessuuf karoorfatee hojjechaa jiru bilxiginnaan waraana isaa kan dantaa dhuunfaaf jiraatu itti bobbaasuun maqaa hidhata WBO qabduutiin hidhuu, manaa fi qabeenyaa isaa ibiddaan barbadeessuu daran jabeessanii jiru.

Haaluma kanaan, murni faashistii PP Hagayya 21, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Haleeluu jedhamu keessatti waraanni weerartuu PP akkuma amala isaanii maqaa WBO waliin hidhata qabdu jedhu dahoo godhachuun namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan manaa fi qabeenya isaanii saamuun harka qullaatti hambisuu odeeffannoon ONM jiraattota irraa argate ni addeessa.

Namootni qabeenyi isaanii saamamee fi manni jalaa gubate kunneenis maqaan isaanii:

  1. Darsoo Usmaan
  2. Ciisuu Usmaan
  3. Mohaammad Jamaal
  4. Shukkarii Usmaanii fi
  5. Mana haadha Darsoo Usmaan dabalatee qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu dubbatu.

Aanaadhuma Siree ganda Haleeluu sana keessatti guyyuma sana namoota maqaan isaanii:

  1. Ciisuu Usmaan
  2. Tamaam Dilbatoo fi
  3. Hajjii Abbaa Manzaa  kanneen jedhaman reebicha hamaa irratti raawwachuun fuudhanii hidhuus dabaluun addeessaniiru. 
Exit mobile version