ONM-ABO Sadaasa 29, 2023
Dheengadda Sadaasa 26, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Martii ganda Dambaqaa Iftuu iddoo addaa Hambaa Qexxaa jedhamutti waraanni PP qotee bulaa nagaa tokko kan maqaan isaa Amaan Manjaa jedhamu isaa ganda Getraa Kobiree deemaa jiru itti dhukaasuun ajjeesanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun ganda Kabiroo Oromoo keessaa qeerrowwan Oromoo 3 maqaa WBO deggertu jedhuun manaa fuudhamanii waajjira poolisii aanichaa magaalaa Abboomsaatti dararamaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qeerrowwan sadeen kunis maqaan isaanii Fu’aad Huseen Maammadsaanii, Diittaa Junaddii Hinkaa fi Abdii Hasan Amaan kanneen jedhaman yoo ta’u, Fu’aad Huseen hanga ammaatti bakki isaan geessan hin baramin jira.
Godinuma Arsii bahaa aanaa Jajuu keessatti namootni baay’inni isaanii 27 ta’aan erga humna badii kanaan butamanii hanga ammaatti iddoon isaan geeffaman kan hin beekamne ta’uu odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.
Namoota aanaa Jajuu keessaa waraana faashistii PPn qabamuun achi buutee dhabaman muraasni maqaan nuga’e; Sheek Mujiibaa, Sheek Huseen Qabatoo gandaa Guree Xaphinoo irraa erga Adoolessa 13, 2023 mana hidhaa aanichaa magaalaa Arboyeetti hidhamanii torban tokko erga tureen booda achii baasanii eessa akka geessan maatiin isaanii dhabuudhaan yaddoo guddoo keessa jiru.
Ittuma fufuunis Arabuu Bulloo, Amiinuu Bulloo fi Jaabir Amaan namootni jedhamanis erga mana isaaniitii fuudhamanii hanga ammaatti iddoo isaan jiran hin beekamin jira.
Kanamalees aanaa Guunaa ganda Re’ee Arbaa keessatti maallaqaa Fandii fi Ashuuraa guuraa jechuun uummata harka qalleessa maallaqa humna isaanii olii gaafachuun iddoo fidan yeroo isaan dhabanitti Waraana Bilisumma Oromoo waliin hidhata qabdu jedhanii namoota hedduu erga qabanii mana hidhaa geessanii achitti dararaa jiraachuunis barameera.
Isaan keessaa namootni maqaan isaanii nu qaqqabe Shaashuu Idiris Gandoo, Ahimaddin Jamaal Haji Muusaa fi Immuu Idiris Gandoo yoo ta’aan, qeerroon tokko namni maqaan isaa Kamaal Amaan jedhamu WBO deggerta jechuun erga hidhamee hiraarfamuu eegalee ji’oota sadii guuteera.
Aanaa Zuwaay Dugdaa ganda Ulaa Arbaa naannoo Sangoo jedhamuttis nama nagaa maqaan isaa Fayyoo Abbabee Oogato jedhamu sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun waraana faashistii PPn kan ajjeefame ta’uu maddeen godina Arsii bahaa himuun ajjjeechaa fi dararaa hawaasa irraan ga’aa jiruun bilxiginnaan mo’amaa akkasumas uummata biratti jibbamaa ta’aa jiraachuu kan agarsiisuudha jedhaniiru.

