ONM-ABO Sadaasa 24, 2023
Murni bilxiginnaa, golee Oromiyaa keessatti sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa gaafatama ilmaan isaanii itti deebisuun, ilmaan keessan WBO keessaa galchaa, yoo kana hin goone isinuma ajjeesna jechuun hidhuu, ajjeesuu fi qabeenyaa jalaa barbadeessuu itti fufanii jiru.
Godina Arsii Bahaa Aanaa Martii ganda Hellaa Akkiyaa jedhamtu keessatti, dheengaddaa Sadaasa 22, 2023 barataa kutaa 12ffaa maqaan isaa Callaa Aliyyii Huseen jedhamu, Obboleessi kee miseensa WBOti jechuun Sadaasa 16, 2023 qabanii mana hidhaatti darbatanii kan turan yoo ta’u, torban tokkoon booda sadaasa 22, 2023 mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatuu maddeen keenya himaniiru.
Godinuma Arsii Bahaa Aanaa Jajuu keessatti ammoo sabboontota Oromoo, WBO deggertu maqaa jedhu itti maxxansuun mana hidhaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, namoonni hidhamanii jiran maqaan isaanii Kamaaloo Hajii, Ababaayee Huseen, Baayiluu Gizaaw, Malkaa Hawaas, Warqii Qumbii, Guddataa Milkii, Milkii Wanjii fi Badhaadhaa Tufaa kanneen jedhaman hoggaa ta’u, badii tokko malee maqaa deggertoota WBOti jedhuun warra hidhamee dararamaa jiran ta’uu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.
Aanicha keessatti ajjeechaa fi hidhaa malee yeroo hedduu irra deddeebiin gubaatiin manneen namootaa akka raawwatamaa jiru gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

