Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Doddotaa fi Siree keessatti waraanni faashistii Bilxiginnaa hidhata WBO qabdu jechuun namoota nagaa ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 29, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa fi Siree keessatti loltoonni faashist PP kanneen naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne gaafa Muddee 26, 2025 namoota nagaa maqaa hidhata “WBO” qabdu jedhuun dargaggoo tokkoo fi abbaa ijoollee 4 tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Eeruu gamasii Arraata Biyyooleessa Oromiyaa qaqqabeen, aanaa Dodotaa ganda Dirree Qilxuu irraa dargaggoo maqaan isaa: 

  1. Nuurii Qaasoo jedhamuu fi 

aanaa Siree ganda Aleeluu Gaasalaa jedhamtu keessaa ammoo nama maqaan isaa:

  1. Abduramaan Ahimaad jedhamu abbaa ijoollrr 4 kan ta’e

loltoonni faashistii PP kunneen gara laafina tokko malee ija maatii duratti ajjeesanii deemuu jiraattoni eeraniiru.

Jiraattonni naannichaa akka himanitti namootni ajjeeffaman kun hirmaannaa siyaasaa kam keessaa illee akka qooda hin qabnee fi namoota hojii humnaa hojjetanii maatii fi ofii isaanii jiraachiisan yemmuu ta’an, godinicha keessatti gochawwan gara jabeeyyiin loltoota faashistii PP kunneen raawwataa jiran jiraattota naannichaa yaaddoo keessa galchee jiraachuus jiraattonni dabaluun addeessaniiru. 

Exit mobile version