ONM-ABO Bitootessa 21, 2025
Qabsoo saboonni cunqurfamoon impaayerattii keessa jiraatan geggeessaa jiraniin boolla lixu dhabee uummata nagaa hiraarsaa kan jiru Bilxiginnaan, sababoota sobaa garaa garaa maqaa dhahachuun uummata meesha maleeyyii irratti gochaa dabaa geggeessaa kan jiru yoo ta’u, addatti immoo sabboontota ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun umurii fi saalaan osoo adda hin qoodin sarbamiinsa mirga namoomaa irratti geggeessaa jira.
Godina Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Koloba Hawaas jedhamutti Bitootessa 17, 2025 waraanni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Amiin Ahimad Sulxaan jedhamu fi kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin geenye hedduu maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Guyyaadhuma kana gandichuma keessaa ergamtoonni teessuma siyaasaa nam-tokkee tiksuuf bobbaa’an kunneen, jiraattota naannichaa hunda irraa maqaa “ittiin WBO quunnamtu” jedhuun bilbila harkaa jalaa saamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

