ONM-ABO Waxabajjii 18, 2025
Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Gadoo keessatti kaabinnoonni sirnichaa uummata dirqiin waltajjii baasuun namoota irraa hafan ammoo, hidhuun nama tokko irraa qarshii 2000 afaan qawween harkaa fuudhaa kan jiran oggaa ta’u, namni gocha kana hawaasa irratti geggeessaa jirus nama maqaan isaa Mohaammad jedhamu akka ta’ee fi uummanni yeroo ammaa ba’ee galuu dadhabuun yaaddoo hamaa keessa jiraachuu maddeen ONM’tti.
Kana malees ganda Miitan Gadoo keessatti bulchaan gandichaa namni maqaan isaa Raashid Huseen Maammee jedhamu namoota nagaa maqaa WBO deggertu jedhuun qabee hidhuun nama tokko irraa qarshii 2,500-50,000’tti harkaa fuudhaa akka jiruu fi shamarran biyya alaa deemuuf waraqaa baafatan irraa ammoo qarshii 2,000-5,000’tti harkaa fuudhaa akka jiru himan.
Gadadoo uummatatti buusuun jiruu fi jireenya lammiilee nagaa mancaasaa kan oolan shiftoonni murna PP maqaalee garaa garaa moggaafachuun qe’ee uummataatti bobba’anii jiran guyyaa guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan hiyyeessaa mankaraarsaa oolu.

