ONM-ABO Muddee 30, 2025
Loltootni sansakkaa fi naamusa waraanummaa hin qabne Oromiyaa iddoo garaagaratti yakka namoomaa fi waraanaa raawwachuun beekaman ergamtootni Bilxiginnaa Muddee 27 aanaa Sirkaa Magaalaa Gadoo ganda 01 keessatti nama maqaan isaa:
- Maammush Geetaachoo Habtee
jedhamu jaalallee isaa wajjin sagaagaluun yeroo inni arge qabutti loltuun biraan qawween alatti waardiyaa dhaabbatee nama irraa eegaa jiru mana keessatti itti seenee rasaasan rukutuun nama kana ajjeesee jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.
Maammush dhalataa aanichaa ganda Mittaana Hindhiyeessaa yoo ta’u magaalaa kana keessatti huccuu nama hodhee jireenya isaa gaggeeffata ture. Intala inni kaadhimaa godhate loltootni PP humnaan qabuun sagaagalummaa yeroo irratti raawwatu argee miira keessa galee olitti seenuun dubbii yeroo godhutti walirraa dhufuudhaan nama harka duwwaa badii tokko malee rasaasaan rukutanii ajjeesanii akka jiran jiraattonni dabalataan ibsaniiru.
Murni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun bartee itti ta’e Bilxiginnaan Muddeedhuma 27 aanaa Siree ganda Aleeluu Gazaalii iddoo addaa Qaaciilee jedhamu keessatti:
- Obbo Abdurramaan Ahimad Hamidoo fi
- Nuurii Qaasoo Galatee mana isaaniitii fuudhuun rasaasa itti roobsanii lubbuu isaanii galaafataniiru.
Nuurii Qaasoo dhalataa Bahuma Arsii aanaa Dodotaa ganda Dirree Qilxuutti dhalatee kan gudate. Abduraman Ahimadii abbaa maatii 2 yoo ta’u isaan lameenuu namoota jireenya isaanii gaggeeffatanii jiraachuu fi hawaasa keessatti nama akkaan kabajamaa fi jaal’atamummaa olaanaa qaban sababa isaan Oromoo ta’an qofaaf Oromummaa isaaniitti yakkanii namoota egeree sabichaa ta’uu danda’an lubbuu isaanii badii tokko malee akka ajjeesan jiraattonni dabalataan gabaasaniiru.
Erga ajjeesanii ka’anis reeffa isaanii hedduu namni hin argine hallayyaa keessatti darbachuun utuu hin argamne oolee erga bulee argamus loltootni sirnichaa namni tokko namoota kanaaf kaan booyus ta’ee kan isaaniif maaliif du’an jedhee dubbatu yoo ta’e itti dabalamee akka du’u hawaasatti himuun hawaasicha doorsisaa akka turan gabaasan nu qaqabee ni ifoomsa.

