ONM-ABO Amajjii 19, 2026
Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Elellee Walaana jedhamu keessatti Amajjii 16, 2026 loltoonni Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa irra imaluun namoota hedduu reebuun qabeenya saamaa turuu fi namoota hedduus ukkaamsanii mooraa waraanaa ciisaa jedhamutti galchuun hiraarsaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Namoota haala kanaan moonaa diinaa keessatti hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Muktaar Amanoo Eda’oo,
- Wadoo Amaan Insaa,
- Saadiq Arusii Maammad fi
- Sheek Abdurramaan Bashiiroo kanneen jedhamaniidha.
Oduu biroon immoo, godinichuma aanaa Collee ganda Maanyaa Odaa jedhamu keessatti guyyaadhuma kana Amajjii 16, 2026 dargaggoo maqaan isaa Anaas Musxafaa jedhamu milishoonni gandichaa fi poolisoonni aanaa waliin ta’uun uleedhaan reebanii akka ajjeessan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Dargaggoon kun nama hawaasa isaa keessatti akkaan jaallatamaa fi kabajamaa yoo ta’u, maqaa bilbilaan Waraana Bilisummaa Oromoo dubbista jedhuun uleen reebanii akka bofaatti ajjeesanii deemuu jiraattonni aanicha irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Akkasumas, namoota hedduu magaalicha keessaa fi ganda irraa walitti guuruun mana hidhaatti geessanii hiraarsaa akka jiranii fi saamichis daran hammaatee kan jiru ta’uu jiraattotni itti dabaluun eeraniiru.

