ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Gareen hidhaa, saamichaa fi ajjeechaaf bobbaafamuun mirga dhala namaa sarbee uummata hiraarsuun hojii idilee isaa ta’e, namoota jireenya dhuunfaa isaanii geggeefatan isiniifuu jiraachuu dadhabne WBO nu lolchiisuun reeffa keenya warabeessi nyaachaa jira jechuun qabeenya hawaasa hedduu tokkollee osoo hin hambisin harkaa saamaa jiraachuu jiraattotni himan.
Waxabajjii 22, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Bidduu Hululii keessatti waraanni PP kan waan dalagu itti bahaa isa hin beekne ganda keessa jooruun lukkuu 45 fi re’oota 25 qalachuun re’oota 133 midhaan ardaba 7 wajjiin fudhatanii deemuun hawaasa gandichaa harka qullaatti hambisuu dubbatu.
Haaluma wal fakkaatuun guyyaa dheengaddaa Waxabajjii 23, 2024 aanuma Sirkaa ganda Mittanna Gadoo jedhamu keessaa warri naatoo ilma namaatiif hin qabne loon 286 fi re’oota 34 fudhachuun magaalaa Mittanaa jedhamutti galchanii uummata ittiin doorsisaa jiru.
Kana malees ganduma Mittannaa Gadoo bakka addaa Mittanaa jedhamtu keessatti namoota magaalaa dhaqanii gara baadiyyaatti galuuf deeman sakkatta’uun maallaqa giiphii keessaa, guurraachuu, bilbiloota gurguddaa irraa fudhachuu, meeshaalee isaan itti fayyadamuuf bitatan kanneen akka sukkaaraa, ruuzaa fi zayitii irraa saamuun namoonni magaalaa bahan harka duwwaa isaanii boo’ichaa fi gadda guddaan daa’imman isaanitti akka deebi’an taasisaa jiru.
Akka maddeen keessoo isaanii jedhanitti loon fi re’oota saaman kana yoo barbaadan tokko tokko irratti maallaqa 1000 irraa fuudhaa siyaasa keenya barsiisaa galchaa, hanga isaan dhufanitti qaladhaa nyaadhaa yoo namni bitu jiraates gurguraa jechuun ajaja walii dabarsanii jiraachuu fi kan hafes barbaadanii qabuuf waraana dabalataa aanaa irraa eeggachaa jirus jedhaniiru.

