Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessaa qabeenya hawaasaa saamaa jiraachuu maddeen ifoomsan

ONM-ABO Fulbaana 19, 2025 

Fulbaana 15, 2025 aanaa Sirkaa ganda Gallabee Amajaa iddoo addaa Mana Barumsaa Mandheeraa jedhamu keessatti loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakatta’aa WBO’n magaalicha irraa gara gandichaatti bobbaafaman re’oota hawaasaa walitti guuranii qalataa kan turan yoo ta’u, nama maqaan isaa Obbo Jibriil Buna Subii jedhamu jalaa re’oota 6 akkuma inni bobbaafateen walitti qabanii jalaa qalatanii nyaachuu maddeen gabaasaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti, duraan re’oota yeroo bobbaasnu jeedaluma qofa irraa eegganna turre, yeroo ammaa garuu faallaa sanaa jeedalli re’oota keenya adamsuu dhiistee jeedalli jeedala irra hamaan waraabessi guyyaan bahee beelladoota keenya adamsee soorratu loltoota Bilxiginnaa kana ta’e. Yeroo isaan magaalaa irraa ba’uu dhageenyu iddoo beelladoota keenya geessinu dhabnee osoo asii fi achi deemsifnuu loltoonni kunneen dhufanii irraa nu ari’uun akka barbaadanitti nyaataa jiru, nuti wanta goonu wallaallee rakkoo guddaa dhandhamaa jirra jechuun jiraattonni miira gaddaan guutameen himatu.

Loltoonni kunneen akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo lolaniitti magaalaa irraa bobbaafamanii yeroo gandoota baadiyaa ga’anitti ganduma keenya keessatti hafuun osoo bosona hin seenin qabeenya keenya weeraruu fi qe’ee keenya irraa nu ari’uun, yoo nu argan immoo qabanii nu reebuun akkasumas qabanii mana hidhaatti nu darbachuun gaaffii tokko malee nu tursiisuu amaaleeffatanii jiru jedhu jiraattonni  gandichaa rakkoo isaan irra ga’aa jiru ibsu.

Exit mobile version