ONM-ABO Fulbaana 16, 2025
Fulbaana 14, 2025 Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessatti loltoonni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa jumlaan saamuu, manneen gubuu, hawaasa mana hidhaatti darbachuu fi namoota hedduu reebaa akka oolan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Namoota haala kanaan qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa kan maqaan nu qaqqabe:
- Abdallaa Muusee loon 2,
- Suufiyaan Umar loon 4,
- Abdurramaan Umar loon 2,
- Abraahim Umar loon 2,
- Rashiid Abraahim loon 2 fi
- Muktaar Abdallaa
kanneen jedhaman yoo ta’an, kanneen manneen isaanii qabeenya guutuu waliin abiddaan jalaa barbadeessan immoo:
- Aliyyii Ibraahim Bakaree,
- Hassan Adamee,
- Ibraahim Bakaree,
- Aasha Yuusufaa,
- Umar Yuusufaa,
- Sasiqoo Ammee,
- Ariifoo Nuuree,
- Abdii Adam,
- Magazaba Dammalaash,
- Ibroo Ahimed fi
- Abdurramaan Ahimad kanneen jedhamaniidha.
Ittuma fufuun, ganduma kana keessatti namoota hedduu erga reebaa turanii booda nama maqaan isaa Muktaar Abdallaa Umar jedhamu reebanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, ganda kana keessatti namni kan inni hidhamuu fi reebamu, akkasumas qabeenyi isaa kan saamamuuf badii tokko qabaateef osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaan yakkamuun loltoota sirnichaan gidirfamaa jira jedhan.
Haaluma wal fakkaatuun Fulbaanuma 14 Arsiidhuma Bahaa aanaa Roobee Didaa’a fi Sirkaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n magaalaa irraa bobbaafamuun gara gandoota baadiyaatti dhufan kallattii WBO’n jirutti deemuu dhiisuun uummata keessa garagaluun hawaasa hidhuu, reebuu fi qabeenya isaanii saamaa turuu jiraattonni ibsaniiru.
Bifuma kanaan aanaa Roobee Didaa’a ganda Qillisaa Dambal iddoo addaa Dheekkaa jedhamutti qabeenya hawaasaa kan manatti arganii fi beelladoota iddoo bobbaa jiranis jumlaan saamaa kan turan yoo ta’u, namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kanneen maqaan nu gahe:
- Muzayyaan Haji Sulxii Kimoo re’oota 7,
- Hasan Adam Kaduu jalaa re’oota 3 saamuu
jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

