• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaalee garaa garaatti sirni Bilxiginnaa hawaasa hiraarsuu jabeessee jira

Sep 16, 2025

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Fulbaana 14, 2025 Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessatti loltoonni Bilxiginnaa qabeenya hawaasaa jumlaan saamuu, manneen gubuu, hawaasa mana hidhaatti darbachuu fi namoota hedduu reebaa akka oolan jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoota haala kanaan qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa kan maqaan nu qaqqabe:

  1. Abdallaa Muusee  loon 2,
  2. Suufiyaan Umar  loon 4,
  3. Abdurramaan Umar loon 2,
  4. Abraahim Umar  loon 2,
  5. Rashiid Abraahim  loon 2 fi
  6. Muktaar Abdallaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, kanneen manneen isaanii qabeenya guutuu waliin abiddaan jalaa barbadeessan immoo:

  1. Aliyyii Ibraahim Bakaree, 
  2. Hassan Adamee, 
  3. Ibraahim Bakaree, 
  4. Aasha Yuusufaa,
  5. Umar Yuusufaa, 
  6. Sasiqoo Ammee,
  7. Ariifoo Nuuree, 
  8. Abdii Adam, 
  9. Magazaba Dammalaash,
  10. Ibroo Ahimed fi
  11. Abdurramaan Ahimad kanneen jedhamaniidha.

Ittuma fufuun, ganduma kana keessatti namoota hedduu erga reebaa turanii booda nama maqaan isaa Muktaar Abdallaa Umar jedhamu reebanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni ifoomsaniiru. 

Akka jiraattonni jedhanitti, ganda kana keessatti namni kan inni hidhamuu fi reebamu, akkasumas qabeenyi isaa kan saamamuuf badii tokko qabaateef osoo hin taane sababa Oromummaa isaa qofaan yakkamuun loltoota sirnichaan gidirfamaa jira jedhan.

Haaluma wal fakkaatuun Fulbaanuma 14  Arsiidhuma Bahaa aanaa Roobee Didaa’a fi Sirkaa keessatti loltoonni Bilxiginnaa maqaa sakattaa WBO’n magaalaa irraa bobbaafamuun gara gandoota baadiyaatti dhufan kallattii WBO’n jirutti deemuu dhiisuun uummata keessa garagaluun hawaasa hidhuu, reebuu fi qabeenya isaanii saamaa turuu jiraattonni ibsaniiru.

Bifuma kanaan aanaa Roobee Didaa’a  ganda Qillisaa Dambal iddoo addaa Dheekkaa jedhamutti qabeenya hawaasaa kan manatti arganii fi beelladoota iddoo bobbaa jiranis jumlaan saamaa kan turan yoo ta’u, namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame kanneen maqaan nu gahe:

  1. Muzayyaan Haji Sulxii Kimoo  re’oota 7,
  2. Hasan Adam Kaduu jalaa re’oota 3 saamuu 

jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading