ONM-ABO Ebla 14, 2025
Aanaa Siree ganda Koloba Hawaas jedhamu irraa Ebla 12, 2025 ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Huseen Kadir,
- Abbaayyee Mohaammadii fi
- Gaboo Amaanoo
jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, guyyaadhuma kana aanichuma ganda Koloba Biiqqaa irraa ammoo nama maqaan isaa Xaahiroo Goree jedhamuu fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduunis hidhamanii jiraachuun beekameera.
Akka maddeen himanitti, namoonni yakka tokko malee ergamtoota sirna balfamaa Bilxiginnaan qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa ukkaamfamuun dararamaa jiran kunneen qonnaan bultoota siyaasa kam keessa hin jirre yoo ta’an, guyyaadhuma kana jaleewwan PP kunneen jiraattota gandichaa guutummaa irratti maqaa gibiraan doorsisa garaa garaa raawwachaa turuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Uummata nagaa hiraarsuun impaayera sobaan ijaaramte diigamuu irraa waan hambisu kan itti fakkaatu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun sabboontota ilmaan Oromoo hidhaatti guuruu itti fufanii jiru.

