Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti manneen hawaasaa 13 gubachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Ija jabinaan gochaa hamaa hojjechuu irraa barachuu kan dhadhabe bixilginnaan ibiddatti boba’aa dabaluun guyyaa guyyaan hawaasa nagaa dhowwee kan jiru, har’as gadaa aangoo isaa dheerefachuu qofaaf malee uummataaf dhimma tokkollee dhabuun yoo fedhe jumlaan manneen irratti gubee barbadeessuun qorqalbii hawaasaa tuqee uummata rakkoo hamaa keessa galchuun bifa adda ta’een ilmaan Oromoo shororkeessuu itti fufee jira.

Sirni uummata Oromoo irratti diinummaa jajjabaa galmeessuun hawaasa Oromoo biratti abaaramaa oolu bilxiginnaan, godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Heellaa Waajii jedhamutti loltoota isaa bobbaasuun Waxabajjii 25, 2024  sa’a 3:00 irratti  manneen uummataa 13 qabeenya guutuu wajjin gubuun akka barbadeesssantu himama.

Maqaan namoota manni jalaa gubate kanaas:-Abdallaa Kennaa, Muhaammad kamaal Sheek Abdulqaadir, Jaarsoo Urgeessoo, Mahaammadnuur Tunee, Abbaas Hajii Fayyisoo, Jibriil Abbaas, Adam Amaan, Hasan Sheeek Abdulqaadir, Innaa Sheek Abdulqaadir, Tamaam Abdulrahiim, Sheek Abdulqaadir Kennaa, Rahiimaa Abbaas fi Masfiin Katamaa ta’uun beekameera.

Warreen namoota nagaa kana jalaa mana gubsiisan sabaan Amaaraa yoo ta’an, isaaniis bulchaa gandaa Obbo Solomoon Indashawuu fi bulchiinsaa fi nageenya gandaa Obbo Solomoon Isheetuu akka ta’e jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version