Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti loltoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuu itti fufan 

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa wayita gara aangootti dhufanii kaasanii “qurxummii balleessuuf galaana gogsuu qabna” dhaadannoo jedhuun uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun ganna ja’a oliif humna waraanaa qaban hunda golee Oromiyaa maratti bobbaasuun, uummata Oromoo biyya waaqni isaaf kenne biyya abbaa isaa irratti badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Sirkaa ganda Waajjii Raffasaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa badii tokko malee manneen hawaasaa irratti irra deddeebiin gubaatii raawwataa kan jiran yoo ta’u, tibba kanas maqaa kijibaa isaan keessatti argamanii hin beeknee fi hin qabne itti maxxansuun namoota maqaan isaanii:

  1. Haajii Muusaa Xiishee,
  2. Haajii Kadir Haajii Muusaa,
  3. Adam Haajii Muusaa,
  4. Amiin Haajii Muusaa fi
  5. Asoo Huseenaa jedhaman jalaa 

Amajjii 7, 2025 meeshaalee manaa hunda waliin gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen keenya himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessaa hirmaannaa kan hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kanneen qaban ta’anis sobaan yakkamanii maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun manneen isaanii harka loltoota Bilxiginnaan meeshaalee manaa hunda waliin barbadaa’uu fi maatiin bakkeetti hafuu dubbatu.

Exit mobile version