ONM-ABO Sadaasa 11, 2024
Loltoonni bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf dararaa hamaa uummata Oromoo irratti hanna, saamicha, reebichaa fi gudeeddaa raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa irraa Sadaasa 9, 2024 loltoonni bilxiginnaa shamarree maqaan ishee akka eeramu hin feene tokko gudeeduun miidhaa ulfaataa irraan gahanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.
Akka maddeen himanitti, loltoonni sirnichaa maqaa “sakatta’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun kan bobba’an yoo ta’u, maatii fi dargaggoota manaa dhabuun shamarree kana irratti gochaa cigaasisaa akkasii irratti raawwachuu dubbatu.
Aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa jedhamu irraa Sadaasa 9, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Mastaa’ot Tashaalee fi
- Iddooshee Fiqaaduu jedhaman loltoonni sirnichaa badii tokko malee qe’ee isaaniitii qabuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees ganduma kana iddoo addaa Boolloo jedhamu irraa guyyuma kana ergamtoonni naamusa waraanummaa hin qabne namoota maqaan isaanii Obbo Tashaalaa Misgaanaa fi Margaa Iddoosaa jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya guutuu waliin ibidda itti shiduun barbadeessanii jiraachuu maddeen itti dabaluun himaniiru.

