Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosatitti waraanni PP shamarree tokko ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Araarsoo fi Beerroo jedhamu keessatti shamarree umurii 18 kan maqaan ishee Burtukee Guddataa jedhamtu waraanni gara jabeeyyiin PP qabanii hidhuun hiraarsaa erga turaniin booda Bitootessa 13, 2025 halkan sa’a lama irratti mana hidhaa irraa baasuun gara jabummaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti  loltoonni Bilxiginnaa kunneen shamarree kana osoo hin ajjeessiniin duratti gocha safuu hawaasaa fi heera uumaan faallaa ta’e manneen hidhaa keessatti irra deddeebiin heddummatanii gudeeddii irratti raawwachaa akka turanis ONM’f eeraniiru.

Biyya abbaa isaa fi qe’ee isaa irratti nagaan jiraachuu fi bobba’ee galuu kan dadhabe uummatni Oromoo, baroota dhufaa darbaan mirgi namummaa isaa murna mirga nam-tokkee kabachiisuu qofaaf dhama’aniin irraa mulqamee mana isaa keessatti guyyuu gaddaa fi boo’icha keessummeessaa oola.

Exit mobile version