ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Murni Bilxiginnaa tuffii uummata Oromoo irraa qabu agarsiisuu fi uummaticha qorqalbii cabsuuf gochoota suukkanneessoo seeraa fi seenaan isaan gaafachiisu hojjechaa jiru.
Teessoo abbaa irree tiksuuf waraanni goolessituun Bilxiginnaa nageenya hawaasaa tiksuu dhiisee uummata harka duwwaa waanta barbaade irraa saamee yookiin immoo maqaa namoonni quba hin qabne itti maxxansee hidhaa fi dararaa hanga ajjeechaa lubbuu irratti raawwachaa jira.
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa Odaa-Dagaagaa jedhamutti Muddee 31, 2024 waraanni goolessaan Bilxiginnaa shamarree maqaan ishee nageenya isheetiif jecha akka eeramtu hin feesisne daa’ima ganna 14 tokko irratti ajajaan waraanaa tokkoo fi miseensi waraanaa wal itti darbarsuun gudeedan.
Akka jiraattonni jedhanitti gochoonni akka saamichaa, gudeeddii fi ajjechaa suukkanneessaa uummata nagaa irratti kan duraanii caalaa hammaatee jiraachuun nama eenyummaan isaa hin beekamne waraanni Bilxiginnaa waajjira poolisii magaalaa Maqii keessaa Amajjii 2, 2025 baasuun gara ganda Waldaa Qal’inaa geessuun ajjeesanii gatuus Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

