ONM-ABO Guraandhala 5, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa iddoo addaa Malkaa Waataa jedhamuun beekamutti Guraandhala 2, 2026 waraanni Bilxiginnaa shamarree ganna 15 maqaan ishee Adoo Caalaa Bulaa Foollee jedhamtu badii tokko malee gara jabina hamaan rasaasa itti roobsanii ajjeesuun, reeffa ishee illee akka maatiin hin agarreef bosona keessatti gatanii ganama uummanni naannichaa walitti birmachuun bosona keessa arganii sirna awwaalcha ishee Guraandhala 3, 2026 raawwatan jechuun jiraataan naannichaa nageenyaa isaaf maqaan isaa akka eeramu hin feene tokko Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf addeesseera.
Akka jiraataan naannichaa addeessetti shamarreen umrii ishee ijoollummaa kanatti kichuutti citte kun nama maatii ishee waliin jiraattu malee hirmaannaa dhaaba siyaasaa kamuu keessatti kan hin argamneedha jechuun, waraanni Bilxiginnaa murna badii maqaa Oromummaatiin daldalu jibbiinsa uummata Oromootiif qaban ifatti kan agarsiisan oggaa ta’u, uummanni naannichaa ajjeefamuu shamarree kanaan jibbiinsa bulchiinsa sirna abbaa irree koloneel Abiy Ahimeditiif qaban daran kan cimsee ta’uun carraan harkaa qabnu ABO- WBO cimsuu qofa akka ta’e sirna awwaalchaa irratti marri tokkummaa qabuun addeessaniiru jechuun itti dabaluun himan.
Jibbiinsi uummanni Oromoo bulchiinsa koloneel Abiy Ahimeditiif qabu gochawwan suukaneessoo guyyaa guyyaan sababa Oromummaa fi deggaruu dhabuu murna Bilxiginnaa irraan kan ka’e namoota nagaa uummataa keessatti jaallatamummaa guddaa qaban sabboontota, hayyoota, barsiisota, xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne lubbuu qaalii aarsaa kafalchiisaa jira.

