Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Fantaallee keessatti waraanni sirna Bilxiginnaa maanguddoo tokko haala suukanneessaan ajjeesuun dhaga’ame

ONM-ABO Guraandhala 1, 2026 

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Haroo Qarsaa keessatti Amajjii 30, 2026 waraanni maafiyaa PP maanguddoo yakka dalage hin qabne maqaa dharaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda”jedhu itti maxxansuun haala suukanneessaan ajjeesanii gatii jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti, tiksitoonni impaayera Itoophiyaa uummata nagaa gooluun aadaa isaaniif ta’e kunneen maanguddoo abbaa ijoollee afurii maqaan isaanii Obbo Jiloo Roobaa Addoo jedhaman gara jabina guddaan ajjeesanii gatuu himuun, maanguddoon kun horsiise bulaa ta’uu fi maanguddoo kabajaa, akka naannootti namuu safeeffatu ta’us, shiftoonni koloneel Abiy Ahimed onicha keessa bobbaafaman garuu maanguddoo kana akkaataa hin mallee fi hin eegamneen gara jabinaan diinummaa isaanii irratti agarsiisan jechuun dubbatu.

Ergamtoonni ergama gooftaa isaanii fudhachuun uummata nagaa jalaa qabeenya saamaa, gariin ammoo ajjeesuun bakka balfaatti gatuun bartee isaaniif ta’e kunneen diinummaa uummata Oromoof qaban isa yeroo kamii caalaa yeroo itti agarsiisaa jiraniidha, mirga uumamaan qabnu nurraa mulquun jiraachuufuu filannoo dhabnee jirra jedhu jiraattonni bakkichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise.

Dhugumatti murna nama nyaataa Bilxiginnaan summiin itti biifamee, hammeenyummaa leenjifamanii bobbaafamuun, mararsiifannaa fi garaa naasuu tokko malee saba Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun waraana gabroomfataa PP haqa haalamuus ta’e faalamuu hin dandeenyedha.

Exit mobile version